Ayyaana Qillee fi Cuuphaan walqabatee qaala’iinsi gatii akka hin muuddanne bittaan Zayita liitira miiliyoona 5 raawwachaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Muddee 13, 2014 (FBC) – Ayyaana Qillee fi Cuuphaan walqabatee qaala’iinsi gatii akka hin muuddanne bittaan Zayita nyaataa liitira miiliyoona 5 raawwachaa jiraachuu Dhaabbanni Misooma Galtee Indaastirii Ityoophiyaa beeksiise.
Yeroo ammaa dhiyeessii fi fedhii Zayita nyaataa gidduutti hanqinni akka hin muuddanne xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Itti aanaa Hojii Raawwachiisaan dhaabbatichaa obbo Nigusee Gabramaariyaam eeraniiru.
Akka fakkeenyaatti Baatii Fulbaanaa darbe Zayita Liitira miiliyoona 24.8 bituum gatii madaallawaan hawaasaaf rabsamuu kaasaniiru.
Dhaabbtichi Ayyaana Qillee fi Cuuphaan walqabatee gaala’iinsi gatii akka hin muuddanne Zayita nyaataa liitira miiliyoona 5 bittaa raawwachaa jiraachuu eeraniiru.
Warshaaleen Zayitaa biyya keessaa fedhii jiru uwwisuun walqabatee % 25 qofa qooda qabaachuu himaniiru.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment