Finfinnee,Gurraandhala 20, 2014 (FBC) – Ayyaana kabaja ‘’Injifannoo Adwaa’’ haala midhagaan kabajuuf qophiin xumuramuu Ministirri Ministeera Aadaa fi Ispoortii obbo Qajeelaa Mardaasaa himan.
Barana ayyaana injifannoo Adwaa qophiilee adda addaan haala midhagaan kabajuuf qophiin xumuramuu obbo Qajeelaan dubbataniiru.
Ayyaanicha sadarkaa Federaalaatti haala midhagaan kabajuuf Ministeerri Aadaa fi Ispoortii abbummaan qooda fudhattoota waliin qindaassaa jiraachuu eeraniiru.
Ayyaanichi mata duree ‘’Adwaan Gamtaa Ityoophiyaanootaaf, Bilisummaa Afriikaaf’’ jedhuun kan kabajamu ta’uus himaniiru.
Ayyaanicha akka biyyaalessaatti haala midhagaan kabajuuf Ministeerri Nageenyaa, Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee, Ministeerri Tuuriizimii,Ministeerri Dhimma Alaa, Waldaan Gootota Ityoophiyaa Durii, Abbaan Taayitaa Hambaalee, Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa, qaamoleen nageenyaa fi koreen raawwachiisaa sosochii taasisaa jirachuu himuu isaanii OBN gabaaseera.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.