Ayyaana jijjiirama baraa Kafichoo Yuuniiskootti galmeessisuuf hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Fulbaana 10, 2015(FBC)-  Ayyaana jijjiirama baraa saba Kafichoo Yuuniiskootti galmeessisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsame.

Ayyaanni jijjiirama baraa saba kafichii magaalaa Boongaatti haala ho’aa ta’een kabajamaa jira.

Ministirri Ministeera Aadaafi Ispoortii ayyaanicharratti argamuun haasawaa taasisaniin, ayyaanni hojii bu’uura godhatee kabajamu ayyaanni jijjiirama baraa Kafichoo guddummaafi qaroomina uummatichaa kan calaqisuusu ta’uu dubbatan.

Tattaaffii aadaa, seenaafi duudhaalee saba Kafichoo beeksisuuf tasifamu ministeerichi kan deeggaru ta’uu ibsaniiru.

Bulchaan Godina Kafaa obbo Indaashaaw Kabbadaan gamasaaniin, ayyaanicha wayita kabajnu gootummaafi aadaa nageenyaa naannoo keenyaa kabachiisuu akkasumas qabeenya uumamaa misoomsuun ta’uu qaba jedhan.

Ayyaanicha Yuuniiskootti galmeessisuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Tasfaayee Mirreessaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment