Ayyaana Daamaraa Masqalaarratti Richiitii dhukaasuun dhorkaa ta’uu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 14, 2016 (FBC) – Ayyaana Daamaraa Masqalaarratti Richiitii dhukaasuun dhorkaa ta’uu Poolisiin Magaalaa Finfinnee hubachiise.

Ayyaanni Mawuliidaa, Daamaaraa, Masqalaa fi Irreechaa duudhaa isaanii eeguun karaa nagaan akka kabajaman hojiileen Tikaa fi nageenyaa hojjetamaa jiraachuu Daayrektarri Hariiroo Ummataa Poolisii Magaalaa Finfinnee Itti Aanaan Komaandaraa Maarqoos Dastaan ibsaniiru.

Humni Tikaa fi Nageenyaa qophii waliigalaa xumuruun gara hojiitti galuu Itti Aanaan Komaandaraa Maarqoos Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif himaniiru.

Ayyaanoonni kunneen karaa nagaan akka kabajaman hawaasni tumsa barbaachisu akka taasisu gaafataniiru.

Hawaasni wantoota dhorkaman irra of qusachuu akka qabanii fi sakattoo taasiifamuuf tumsa akka taasiisan waamicha dhiyeessaniiru.

Ayyaanoota kanneen sababeeffachuun richiitii dhukaasuun dhorkaa ta’uu dubbataniiru.

Qaamni dhorkaa kana darbuun richiitii dhukaasee argame seeraan kan gaafatamu ta’uu dubbataniiru.

Masaafintu Iyyaayyutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment