Ayyaana Cuuphaan walqabatee carraa tuuriziimii Baatuu beeksisuuf hojjatamaa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Amajjii 1, 2016 (FBC)- Carraa Ayyaana Cuuphaan walqabatnii jiranitti fayyadamuun humna Tuuriziimii magaalaa Baatuu beeksisuuf hojjatamaa jiraachuun Waajjirri Aadaa fi tuuriizimii Magaalatti Beeksise.

Itti Gaafatamaa Waajjirichaa Obbo Kadir Abbittiin, Ayyaanni Cuuphaa magaalaa Baatuu Hara Dambal irratti kabajamu ayyaanaa hordoftoota amantaa Ortodoksii kutaalee biyyattii garaagaraa fi turistoonni biyyaa keessaa fi alaa hedduun irratti hirmaatan ta’uu ibsuun.

Ayyaanni Cuuphaa magaalattiitti kabajamus bishaan irratti ta’uun filmaata adda duree tuuristoota ta’aa dhufuu eeraniiru.

Obbo Kadiir dabalataan akka ibsanitti, ayyaanichaan walqabatee carraawwan hawwata tuuriziimii harichaa fi magaalattiitti argaman beeksisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Simbirootni ijaa fi qalbii turistootaa hawwatan gosa garaagaraa 200 ol, odolowwan gurguddoo shan, manneen amantaa fi hambaaleen amantaa umrii dheeraa lakkoofsisan Hara Dambal irratti argaman tuuristoota ayyaanichaaf gara Magaalaa Baatuu dhufaniif carraa dabalataa ta’uu himaniiru.

Gama biraatiin Imalli Bidiruu ammayyaa fi aadaatiin bishaan irratti taasifamu, nyaatni Qurxummii qarqara harichaatti qophaa’an, bishaan ho’aa, warshaa fi oyiruu Kaastil Wayinarii Baha Afrikaatti sadarkaa jalqabaatti argaman carraa tuuriizimii magaalatiin qabdu ta’uu ragaan kominikeeshinii magaalattiirraa argame ni mul’isa.

Nageenya magaalattii amansiisaa ta’uu ibsuun hordoftoonni amantaa Ortodoksii, tuuristoonni biyya keessaa fi alaa Magaalaa Baatuutti Ayyaana Cuuphaa baranaa akka kabajan Obbo Kadiir Abbittiin waamicha dhiyeessaniiru

Ayyaanni Cuuphaa Amajjii 10 fi 11, 2016 kabajama.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment