Ayyaana Cuuphaa Gondaritti kabajuf hojiin duraa xumuramu Ministeerri Turiizimii beeksise

Finfinnee, Amajjii 6, 2014 (FBC)- Ayyaana Cuuphaa Gondaritti diyaaspooraa waliin kabajuf hojiin duraa xumuramu Ministeerri Turiizimii beeksiseera.

Ministir deetaan Ministeera Turiizimiitti  Aadde Salaamaawit Dawwit, Cuuphaa Gondaritti kabajuuf hojiin duraa xumuramaniru  qophiileen adda addaas taasifamaniiru jedhan.

Hawaasa diyaaspooraa hirmaachisuun Gondaritti ayyaana Cuuphaa bifa ho’aa ta’een kabajuuf qophiin xumuramufi hirmaattoonni gara bakkichatti imalaa kan jiran ta’uu aadde Salaamaawit himan.

Ayyaana Cuuphaa Gondar, dabalataan naannawaa birootti kabajuuf qophiin taasifameras jedhan.

Diyaaspooraaf marii paanaalii daawwannaa bakkeewwan hawwata turiistifi sagantaan Igzibishinii qophaa’un himameera.

Ayyaanni Cuuphaa torbee itti aanu guutummaa Ityoophiyaatti ni kabajama.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment