Ayarlaandi hariiroo gamheddu Itiyoophiyaa waliin qabdu cimsuuf murannoo qabaachuu ibsite

Finfinnee, Adoolessa 12, 2016 (FBC) – Itiyoophiyaa fi Ayarlaandi hariiroo Dippiloomaasii waggaa 30ffaa kabajaniiru.

Ministira Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayee, Ministira Muummee Itti Aanaa, Ministirri Alaa fi Ministirri Raayyaa Ittisaa Ayarlaandi Miisheel Maartii fi jilli isaaniin durfamu, akkasumas keessummoonni waamichi taasiifameef saganticharratti hirmaataniiru.

Michummaan biyyoota lamaan kan bara dheeraa ta’uu fi yeroo itti aanu hariricha caalmaatti cimsuuf murannoon jiraachuu Dooktar Ergoogeen himaniiru.

Deeggarsa Ayarlaandi Itiyoophiyaaf damee hundaan taasiisaa jirtu galateeffataniiru.

Yeroo itti aanus damee eegumsa fayyaa, barnootaa, sirna koorniyaa idileessuu fi eegumsa naannorratti tumsaan kan hojjetamu ta’uu himaniiru.

Miisheel Maarti gama isaaniin, Ayarlaandi damee daldalaa, Ayiveeshinii, Turizimii, lammiilee rakkoof saaxilaman tumsuu fi dhimmoota biroorratti hariiroo waloo caalmaatti cimsuuf murannoo qabaachuu dubbachuu ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment