Ayarlaand Ityoophiyaaf Yuuroo miiliyoona 1 deeggarsa taasiste

Finfinnee, Adoolessa 4, 2014 (FBC) – Ayarlaand Ityoophiyaaf deeggarsa dabalataa Yuuroo miiliyoona 1 taasisuu ibsame.

Deeggarsichi lammiilee biyyattii bakkeewwan garaagaraatti rakkoo keessa jiraniifi deeggarsa namoomaa ariifachiisaa barbaadaniif kan oolu ta’uu eerameera.

Deeggarsichi gama Waldaa Fannoo Diimaa Idil Addunyaan kan taasifamu yoo ta’u, deeggarsa namoomaa Ityoophiyaatti taasifamu guddisuuf kan dandeessisu ta’uu ragaan Ityoophiyaatti Imbaasii Ayarlaand irraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment