Ayarlaand gochaalee birmadummaa Ityoophiyaa tuqan irraa akka ofeeggattu Ityoophiyaan gaafatte

Finfinnee, Onkoloolessa 3, 2015(FBC)- Ayarlaand Mana Maree Nageenyaafi Gamtaa Awurooppaa fayyadamuun gochaalee birmadummaa Ityoophiyaa tuqan raawwachaa jirturraa akka ofeeggattu Ityoophiyaan gaafatte.

Ittaanaan Muummee Ministiraafi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin Ministira Ministeera Dhimma Alaafi Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Ayarlaand Saayiman Koovaniif xalayaa barreessaniiru.

Obbo Dammaqaan xalayaasaaniin, biyyoonni lameen michummaa seenaa qabeessa uumanii jiraachaa turuu ibsuun, shira yeroo ammaa biyyattiin Ityoophiyaarratti raawwachaa jirtu Ityoophiyaan irraa kan hin eegne ta’uu kaasaniiru.

Jiijjiirama bara faranjootaa 2018 Ityoophiyaatti dhufe hordofee diimookiraasiin biyyattiitti daraaraa dhufuun kan isa rifaasise gareen shororkeessaa ABUT, humna waraanaa leenjisaa turee ajaja kaabaarratti haleellaa raawwachuu xalayaasaaniin yaadachiisaniiru.

Haleellaa ABUT ajaja kaabaarratti raawwate hordofee walitti bu’iinsi uumamuu, tattaaffii mootummaan federaalaa walitti bu’iinsicha dhaabuuf taasisaa tures kufaatii taasisuun haleellaa isaa itti fufuu eeraniiru.

Mootummaan Ityoophiyaa walitti bu’iinsicha karaa nagaan hiikuuf kutannoo qabaachuu eeruun, filannoo nageenyaa Gamtaan Afrikaa dhiyeesse fudhachuu ibsaniiru.

Mootummaan Ityoophiyaa sarbama mirga namoomaa wayita walitti bu’iinsichaa uumaman qaamolee itti gaafatamoo ta’an seeraan gaafachuufi lammiilee deeggarsa namoomaa barbaadaniif deeggarsi akka taasifamuuf tattaaffii cimaa taasisuu eeraniiru.

Rakkoo biyyattiif furmaata waaraa kennuuf Komishiniin Marii Biyyaalessaa hundaa’ee hojjetamaa jiraachuu addeessaniiru.

Ayarlaand tarkaanfiiwwan mootummaa Ityoophiyaan fudhatamaa jiraniifi biyyattiitti fooyya’iinsa gama siyaasaafi diinagdeen taasifamaa jiran deeggaruu qabdi turte jedhan.

Haa ta’u malee Ayarlaand dhaabbilee miseensa itti taate Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniifi Gamtaa Awurooppaa fayyadamuun haleellaa Ityoophiyaarratti taasistu itti fufuu ibsaniiru.

Ayarlaand haleellaa birmadummaa fi tokkummaa bulchiinsaa Ityoophiyaarratti taasistu irraa akka ofqusattuuf waamicha Ityoophiyaan taasisteef waan tokkotti osoo hin lakkaa’iin hafuu yaadachiisaniiru.

Hariiroo Ityoophiyaafi Gamtaa Awurooppaa fooyya’aa jirurratti Ayarland gufuu ta’uu obbo Dammaqaan xalayaasaaniin kaasaniiru.

Haa ta’u malee biyyattiin gochaa ishee kanarraa ofqusachuu qabdi jedhan.

Ityoophiyaan hariiroo seena qabeessa biyyoota lameenii haaromsuuf fedhii qabaachuu kaasuun, Ayarlaand gamasheen hariiroo kana fooyyessuuf fedhii qabaachuu garuu hin beeknu jedhan.

Tattaaffii Ityoophiyaan hariiricha fooyyessuuf taasiste fashalaa’uu kaasaniiru.

Faallaa kanaa Ayralaand garee shororkeessaa ABUT deeggaruun teessoo mana marichaatti qabdu fayyadamuun Ityoophiyaarratti dhiibaan akka uumamuf hojjechaa jiraachuu addeessaniiru.

Biyyattiin gochaa Ityoophiyaarratti miidhaa geessisuuf taasisturraa akka ofqusattu obbo Dammaqaan gaafataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment