Awwaalchi jumlaa hidhattoonniifi hoggantoonni ABUT itti awwaalaman argame

Finfinnee, Onkololeessa 18,2015(FBC)- Awwaalchi jumlaa hidhattoonniifi hoggantoonni garee shororkeessaa ABUT itti awwaalaman magaalaa Carcaritti argame.

Gareen shororkeessaa ABUT Onkololeessa 24, 2013 Ajaja Kaabaa Raayyaa Ittisa Biyyaa ganuun haleellaa irratti raawwachuufi birmadummaa Ityoophiyaarratti balaa cimaa aggaamee turuu yaadachiifameera.

Mootummaan haleellicha hordofee tarkaanfii seera kabachiisuufi duula birmadummaa gaggeesseen balaan birmadummaa biyyattiirratti aggaamame qolatamuu danda’uufi gartokkeen waraana dhaabuu labsuun kutannoo nageenyaaf qabu qabatamaatti mul’isuu eerameera.

Haa ta’u malee gareen shororkeessaa ABUT daa’imman dirqiin waraanaatti bobbaasuun naannolee Amaaraafi Afaar irratti irra deddeebiin weerara raawwachuun uummata naannoo Tigraay maraammartoo waraanaa keessatti ijoollee isaa dhabsiisuu fi ammas gocha badiisaa kanarraa hin deebi’iin jiraachuu ibsameera.

Wareegama Raayyaa Ittisa Biyyaan bakkeewwan garee shororkeessaa ABUT jalaa bilisa ba’aa jiranitti icitiin garichaa ifa bahaa jiraachuu eerameera.

Hoggantoonni garichaa hidhattoota isaa dirqiin waraannatti hirmaachiseef illee hangam garaa jabaataa akka ta’e awwaalchi jumlaa Carcaritti argame kan mul’isudha jedhame.

Kallatti Baha Magaalaa Carcariin awwaalchi jumlaa hidhattootaa fi hoggantoota garee ABUT kan argame yoo ta’u, kunis hoggantoonni garichaa dhiiga ummata Tigraayiin aangorra turuuf tattaaffii taasisaa jiran mul’isa jedhameera.

Awwaalcha Jumlaa kanaaf coodiin kan laatameef yoo ta’uu, tokkoon tokkoo awwaalchaa keessatti reeffii namoota 3-5 awwaallamuu ibsameera.

Hidhattoonni kunneen akkaatuma sadarkaa fi aangoo isaaniin kan awwaallamuu mallattoon awwaalchicharratti argamu kan agarsiisu ta’uu eerameera.

Hidhattoonni awwaalcha tokko keessatti, akkasumas hoggantoonni iddoo tokkotti awwaallamuu koodiin laatameef kan agarsiisu ta’uu ibsameera.

Dabalataan hoggantoonni olaanoon garichaa iddoo tokkotti holqa keessaa Saanduqa Reeffaa keessaatti argamuu ibsameera.

Waliigala awwaalchi Jumlaa Carcaritti argame iddoo saditti kan qooddame yoo ta’uu, awwaalcha Hidhattootaa, hoggantoota olaanoo fi hoggantoota olaanoo waraana dursaa turan ta’uu eerameera.

Maddi:-TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment