Finfinnee, Onkololeessa 29, 2014 (FBC) – Awwaala ABUT fi Shanee gadi fageessuuf tokkummaan kaaneerra jedhan Preezdaantiin Naannoo Sidaamaa Obbo Daassitaa Leeddaamoon.
Jiraattonni magaalaa Hawaasaa fi naannawaa ishee hiriira balaaleffannaa garee shororkeessaa ABUT gaggeessaniiru.
Hiriiricha irratti haasaa kan taasisan Preezdaantiin Naannoo Sidaamaa obbo Dassitaa Leeddaamoon,diinota Ityoophiyaa kan ta’an garee shororkeessitootaa ABUT fi Shanee, humna tokkoomeen awwaaluuf kaaneerra jedhan.
Ummanni waadaa galee hojiitti hiikaa jiru cimsuun humna badii biyya diiguuf wixxifatu kana yeroo dhumaaf dhabamsiisuu qaba jedhan.
Ummanni Sidaamaa injifannoo jijjiirramaan goonfate mulquuf qaama socha’aa jiru dhabamsiisuuf hanga adda waraanaatti duuluun murannoo qabu agarsiisuu akka qabu dhaamuu isaanii ragaan Bulchiinsa magaalaa Hawaasaarraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.