Awutoobiisii namoota fe’ee imalaa tureerra balaan ibiddaa qaqqabe

Finfinnee, Gurraandhala 11, 2014 (FBC)- Awutoobiisii deddeebisaa uummataa namoota fe’ee imalaa tureerra balaan ibiddaa qaqqabeera.

Konkolaataa kun namoota 62 fe’uun Finfinneerraa gara Dassee imalaa turee balaan ibiddaan irra ga’uu naannoo Amaaraatti waajjirri poolisii godina adda Sabaa Oromoo aanaa Jiillee Dhumugaa beeksiseera.

Balichaan qabeenyi barbadaa’uus lubbuu namaarra balaan kamiyyuu kan hin qaqqabnee ta’uu ibsameera.

Balaa qaqqabeen korojii fi ragaa barnoota barattoota Yuunvarsiitii Wallootti galmaa’uuf imalaa turan dabalatee qabeenya imaltootaa biroo awutoobisichaa waliin guutuumma guutuun barbadaa’uu ibsameera.

Balaan ibiddichaas kan qaqqabee rakkoo teeknikaa mootarratti muudateen ta’ee ibsuun, ka’uumsa balichaaf qorannoo taasifamaa jira jedhameera.

Maddi:-TOI

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment