Finfinnee, Caamsaa 21, 2015 (FBC)- Awustiraaliyaan Ityoophiyaa dabalatee biyyoota Gaanfa Afrikaa hongeen miidhamanii fi biyyoota Baha Giddugaleessaf deeggarsa namoomaa Doolaara miiliyoona 29 ifoomsuu beeksisfte.
Guyyaa har’aa deeggarsi namoomaa ifoomsitee kun lammiilee hanqinni nyaataa mudateef kan oolu ta’uun eerameera.
Ministirri Dhimma Alaa Awustiraaliyaa Peenii Woongi ibsa kennaniin, deeggarsi Doolaara miiliyoona 15 lammiilee Ityoophiyaa, Keeniyaa fi Somaaliyaa deeggarsi namoomaa barbaachisuuf kan oolu ta’uu ibsaniiru.
Doolaarri miiliyoonni 4 ammoo deeggarsa hanqina nyaataa Yemenitti mudateef kan oolu yoo ta’u, kan hafee Doolaarri miiliyoonni 10 ammoo godaantota Yemenii fi Yoordanositti argamaniif kan oolu ta’uun eerameera.
Erga weerarri Vaayirasii Koronaa mudatee as namoonni hanqina ,nyaataaf saaxilaman dabalaa dhufuu kaasanii, yeroo ammaas sadarkaa addunyatti lammiileen miiliyoona 350 rakkoo wabii nyaataaf saaxilamuu himaniiru.
Awustiraaliyaan walitti bu’iinsa Sudaan Kibbaa keessaan walqabatee lammiilee miidhamaniif deeggarsa namoomaa Doolaara miiliyoona 6 taasisuuf qophii ta’uu Anaadooluun gabaaseera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.