Awurooppaatti hongeen Waggoota 500 keessatti mul’ate hin beekne mudachuu ibsame

Finfinnee, Hagayya 6, 2014 (FBC) – Awurooppaatti hongeen hammaachuun lageen goguun lubbuu qabeeyyiirraa miidhaan qaqqabaa jiraachuu ibsameera.
Lageen kana duran mana isaanii keessaa ba’uunn ala utaalaa turan goguun du’a qurxummiilee hedduuf sababa ta’uu Asoosheetiid Pirees gabaaseera.
Hongicha Ispeenii fi Faransaay dabalatee Lixa, Giddu gala fi Kibba Awurooppatti daraan hammachuu ibsameera.
Iddoolee kanneenitti hongeen waggoota 500 keessatti mul’atee hin beekne muudachuu himameera.
Faransaay naannoo Bargandiitti Lagni Tiil jedhamu mukeen hedduun marfamee jiru goguu gabaasichi eereera.
Haalli qilleensaa gogaan Ardicha muudate kun ammallee itti fufuu akka danda’uu ogeeyyiin ibsaniiru.
Hongeen Awurooppaa mudate kun Afrikaa Bahaa, Lixa Ameerikaa fi Kaaba Meeksiikoos mudachuu akka danda’u Asoosheetiid Pirees gabaaseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment