ATM’n Baankii Oromiyaa tajaajila Maastercaardiin maallaqa baafachuu eegale

Finfinnee, Sadaasa 6, 2015(FBC)-Mashiniin ATM’n Baankii Oromiyaa tajaajila Maastercaardiin maallaqa baafachuu kennuu eegale.

Baankiin Oromiyaa, EthSwitch fi MasterCard waliigaltee walta’iinsa mallateessaniiru.

Waliigaltechis kaardii kaffaltii MasterCard’n maashinaa ATM baankichaarraa argachuu dandeessisa jedhameera.

Kun ammoo turistoonni fi lammiileen biyya keessaa kaardii kaffaltii MasterCard qaban jechuunis ‘Debit Card’, ‘Credit Card’, fi kaardii kaffaltii duraa (Prepaid) akka fudhatan kan eeyyamudha jedhameera.

ATM’n Baankii Oromiyaa hundi kaardii kaffaltii Mastercard fudhachuun tajaajila kennuu danda’uun sirna kaffaltii biyya keenya boqonnaa tokko akka guddisu ibsamuu ragaan baankicharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment