Atleet Barrihuun dorgommii Daayimandii Liigii Luuzaanitti dorgomame sa’aatii saffisaa waggaa galmeessuun injifate

Finfinnee, Waxabajjii 24, 2015 (FBC) –Atleet Barrihuun Aragaawwii dorgommii Daayimandii Liigii Luuzaanitti fageenyaa meetira kuma 5n dorgomame sa’aatii saffisaa waggaa galmeessuun injifateera.

Atleey Barrihuun fageenyicha daqiiqaa 12 sekondii 40 fi Maayikiroo sekondii 45 xumuruun sa’aatii saffisaa waggaa kanaa galmeessuun moo’ateera.

Atleet Hagos Gabrahiyiwaat 3ffaa, Xilahuun Hayilee 4ffaa, Salamoon Baraggaa 5ffaa, Kumaa Girmaa 7ffaa fi Gammachuu Didhaa 8ffaa ba’uun dorgomicha xumuraniiru.

Dorgommii meetira kuma 3 gufachiisaan dubartoota gidduutti dorgomameen ammoo Atleet Siimboo Alamaayyoo 2ffaa, Zarfee Wandimmaaganyi 4ffaa, Loomii Muul’ataa 5ffaa fi Maqdas Abbaabaa 11ffaan xumuruu ragaan Federeeshinii Atleetiksii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment