Finfinnee, Bitootessa 13/2017 (FMC): Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 20ffaa Wiixata darbe irraa kaasee Chaayinaa Naanjiingitti gaggeeffamaa jiruun dorgommii xumuraa meetira 3000 dhiirotaa irratti lammiin Itoophiyaa Barrihuu Aragaawii madaaliyaa meetii injifateera.
Atileet Biiniyaam Mahaarii dorgommichaan sadarkaa 9ffaa, atileet Geetinnat Waalee ammoo sadarkaa 11ffaa bahuun xumureera.
Atileetiin lammii Noorweey ‘Jakob Inbrigsten’ tokkoffaa bahuun madaaliyaa warqee injifateera.
Itoophiyaan dorgommii meetira 3000 dubartootaatiin daqiiqaa muraasa dura shaampiyoonaa kana irratti atileet Firewayinii Haayiluutiin madaaliyaa warqee jalqabaa argatteetti.
Atileetiin Itoophiyaa kan biraa Birqee Hayyaloom sadarkaa 5ffaa bahuun xumurteetti.