Atleet Almaaz Ayyaanaan gara dorgommiiwwan idil addunyaatti deebite

Finfinnee, Bitootessa 26, 2014 (FBC) – Haadha riikkardii meetira kuma 10 kan taate Atleet Almaaz Ayyaanaan gara dorgommiiwwan idil addunyaatti deebiteerti.

Olompiikii Riyoo Biraaziilitti gaggeeffameen riikkardii meetira kuma 10 cabsuun harkatti kan galfatte Atileet Almaaz Ayyaanaan miidhaa miilla isheerra qaqqabee fi da’umsaan booda gara dorgommiitti deebiteerti.

Atileet Almaaz dorgommii walakkaa maraatoonii Ispeen Maadiriiditti gaggeeffameen sa’aatii 1 fi daqiiqaa 8 fi maaykiroo sekandii 22 sadarkaa 5ffaa ba’uun xumurteerti.

Dorgommichaan Atleetiin Ityoophiyaa Beeteliheem Afanigus sadarkaa 3ffaa yoo baatu Atileetiin Keeniyaa Wiinfardaan 1ffaa ba’uun xumurteerti.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment