Atileetotaa inifannoo galmeessaniif badhaasni hanga Birrii miiliyoona 2.5tti kennameef

Finfinnee, Adoolessa 21, 2014 (FBC) – Shaampiyoona Atileetiksii Addunyaa 18ffaarratti Atileetotaa Ityoophiyaa injifannoo boonsaa galmeessaniif badhaasni Birrii kuma 50 hanga miiliyoona 2.5 kennameeraa.

Shaampiyoonichaarratti fiigicha meetira kuma 10’n meedaaliyaa Warqee jalqabaa kan argamsiistee Atileet Latanbat Gidayii, Birrii miiliyoona 1.5 fi fiigicha meetiraa kuma 5’n bu’aa hojii gamtaan hojjechuun argamsiisteef Birrii kuma 500, walumaatti Birrii miiliyoona 2 badhaafamteetti.

Fiigicha maaratoonii dubaraan meedaaliyaa Warqee kan argamsiistee Atileet Gooyitiitoom Gabirasillaasee fi dhiiraan Atileeti Taammiraat Tolaa, tokkoon tokkoo isaaniif Birrii miiliyoona 1 fi kuma 750 badhaafamaniiru.

Meetira kuma 1 fi 500’n meedaaliyaa Meetii fi meetira kuma 5’n meedaaliyaa Warqii kan argamsisate Atileet Gudaaf Tsaggaayee, haala addaatiin Birrii miiliyoona 2.5 badhaafamteeti.

Fiigicha maaraatoonii dhiiraan 2ffaa ba’uun meedaaliyaa Meetii kan argamsiisee Atileet Moosneet Garramuuf Birrii miiliyoona 1, fiigicha gufachiisaa meetiraa kuma 3’n meedaaliyaa Meetii kan argamsiiste Atileet Warqiwuhaa Geetaachoo Birrii miiliyoona 1 akkasumas, fiigichaa gufachiisaa meetiraa kuma 3’n meedaaliyaa Meetii kan argamsiise Atileet Lammeechaa Girmaan Birrii miiliyoona 1 badhaafameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment