Atileetota miidhaa miidiyaa hawaasaaf saaxilaman 25’f deeggarsi AI taasifame

Finfinnee, Mudde 10, 2017 (FMC)- Atileetiksii Addunyaa Atileetota biyyoota garaagaraa 25’f miidhaa miidiyaa hawaasaa akka ittisaniif deeggarsa teeknooloojii Hubannoo Namtolchee (AI) taasisuufii beeksise.

Dhaabbatichi qorannoo waggoota afuriif taasiseen atileetonni kunneen miidhaa miidiyaa hawaasaa hamaaf saaxilamuu ibseera.

Saaxilamummaa kana hir’isuufis deegarsaa AI waggaa tokkoof turu taasisuu ibseera.

Atleetiksiin Addunyaa qorannoo Atileetota hirmaattota dorgommiiwwan Olompikii fi Shaampiyoonaarratti hirmaatan kuma 2 fi 438 irratti waggootan afran darban gaggeesseen bu’aa qorannoo yaadota miidiyaalee hawaasummaa irratti kennaman miiliyooa 1.4 ifoomseera.

Bu’uura qorannichaan yaadonni maqaa gaarii atileetotaa fi xiinsammuu isaanii miidhaan mul’achuu himuun, ta’us qeeqnii fi arrabsoon kallattiin atileetotaaf kan hinergamne ta’uu mirkaneessuu himeera.

Bara Faranjootaa 2020 Olompikii Tookiyoo, 2022 Shaampiyoonaa Addunyaa Oreegan, 2023 Shaampiyoonaa Addunyaa Budaapeesti, 2024 Olompikii Paariis irratti miidhaan koorniyaa dubartootaa irratti, dhiirota irratti ammoo miidhaan sanyummaa ga’uu beeksiseera.

Hanga ammaattis qorannoo gaggeeffameen atileetota biyyoota garaagara 25 irra miidhaan gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ga’uu eeruun, dhiibbaa kana hir’isuuf deeggarsa AI taasisuu ibseera.

Fuuldurattis miidhaawwan gama miidiyaa hawaasummaan atileetorra ga’u adda baasuu fi qorachuun, akkasumaas hojiin atileetota gorsuun miidhaa qaqqabu ittisuu kan hojjetamu ta’uu Atileetiksiin Addunyaa beeksiseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment