Finfinnee, Caamsaa 4, 2016 (FBC) –Atileetoonni fiigichaan injifachuu qofa osoo hin taane Itiyoophiyaa miidhagduu fi Qulqulluu uumuuf fakkeenyaaf ta’uu akka qaban Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.
Sosochiin Itiyoophiyaa Qulqulluu mata duree Daandii Qulqulluu jireenya fayyaa jedhuun labsame biyya qulqulluu uumuuf kan kaayyeffame ta’uu eeraniiru,
Dooktar Abiy, Atileetoonni akkuma fiigicha injifachuun alaabaa Itiyoophiyaa mirmirsitan Sosochii Itiyoophiyaa qulqulluu milkeessuufis adda duree ta’uu qabdu jedhuun dhaamaniiru.
Irree gamtoomeen Itiyoophiyaa miidhagduu fi Qulqulluu haa ijaarru jedhaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.