Finfinnee, Amajjii 18, 2015(FBC)- Atileetonni Ityoophiyaa Shaampiyoonaa Qaxxaamura Biyyaa Addunyaa 44ffaa Guraandhala 18, 2023 gaggeeffamuuf shaakala taasisaa jiraachuu ibsame.
Dorgommichaaf atileetonni dhiiraa 14fi dubartoonni 14 eeggattootaa isaanii waliin Shaampiyoonaa Qaxxaamura Biyyaa Jaan- Meedaa 40ffaa Mudde 23, 2015tti gaggeeffameen filatamuu eerameera.
Atileetonni kunneen barii dorgomichaarraa eegalee Kaampii taa’anii akka leenji’an taasifamuu ragaan Federeeshinii Atileetiksii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.