Atileetiin Olompikii Paaris irratti hirmaatte jaalallee isheen gubamuun dhaga’ame

Finfinnee, Hagayya 28, 2016 (FBC)-Fiigicha Maaraatoonii Olompikii Paarisirratti kan hirmaatte Atileetiin Lammii Ugaandaa Rebekaa Cheepteegee mana ishee keessatti jaalallee isheetiin ibiddaan gubamuun dhaga’ame.

Miidhaa irra ga’e kanaanis qaamni ishee irra caalaan ibiddaan gubachuu Poolisiin ibsa.

Waldhabdee gidduu isaaniitti mudate hordofee jalalleen ishee boba’aa irratti fifirsuun ibiddaan gubamuu kan eere poolisiin, miidhaa olaanaan mudachuuni ibseera.

Taatechaan jaalalleen ishees kan miidhame ta’uu fi lameenu wal’aansa hordofaa akka jiran Irish Examiner gabaaseera.

Atileetittiin Figicha Maaraatoonii dubartootaa Olompikii Paariis 2024’rratti hirmaachuun sadarkaa 44’ffaan xumuruun ni yaadatama.

Comments (0)
Add Comment