Finfinnee, Hagayya 15, 2016 (FBC) – Atileet Taammiraat Tolaan Maaraatoonii Niwuu Yoorki Sadaasa 3, 2024 fiiggamurratti sa’aatii fooyya’aa galmeessuuf kan fiigu ta’uu ibsamerra.
Atileet Taammiraat dorgomicha kan injifatu yoo ta’e, bara tokko keessa Atileetii fiigicha maaraatoonii Olompikii fi Niwuu Yoorki injifate 2ffaa ta’a jedhame.
Dorgommii Maaraatoonii Paaris haala qilleensaa fi teessuma lafa rakkisaa ta’e keessatti gaggeeffamerraa dandamachuun Maaraatoonii Niwuu Yoorkiif qophaa’aa jiraachuu Taammiraat ‘Reuters’tti himeera.
Dorgommichaan rikardii haaraa galmeessuuf kan fiigu ta’uu dubbateera.
Atileet Taammiraat Tolaan fiigicha maaraatoonii bara Faranjootaa 2023 Niwuu Yoorkitti gaggeeffame rikardii bakkichaa fooyyeessuun injifachuun kan yaadatamuudha.
Maaraatooniin Niwuu Yoork bara Faranjootaa 1970 kan eegale yoo ta’u, fiigicha Sadaasa 3, 2024 gaggeeffamu kanarratti hirmaattoonni kumni 10 ol ni hirmaatuun eegama.
#Oromia #Ethiopia