Finfinnee, Caamsaa 21, 2016 (FBC) – Atileet Suutumee Asaffaan jila Atileetiksii Olompikii Paariis 2024 irratti Itiyoophiyaa bakka bu’uun hirmaatanitti makamte.
Atileet Suutumeen maqaa Atileetootaa Federeeshiniin Atileetiskii Itiyoophiyaa Olompikii Paariis 2024 irratti hirmaataan Caamsaa 8, 2016 ifoomse keessatti hin hammatamne turte.
Kana hordofee Atileet Suutumeen komii dhiyeeffachaa turteerti.
Haaluma kanaan komiin dhiyeessite fudhatama argachuun har’a jila Atileetiksii Olompikii Paariis 2024 irratti Itiyoophiyaa bakka bu’anitti makamteerti.
Atileet Suutumeen Maaraatoonii dubartootaa Tookkiyootti bara kana gaggeeffame sa’aatii 2:15.55 xumuruun injifachuun kan yaadatamuudha.
Dabalataan fiigicha walakkaa maaraatoonii Hindi Koolkaattaatti fiigame sa’aatii 1:18.17 xumuruun injifattee turte.
Warqinaa Gaashahuuntu gabaase.