Atileet Simboo Alamaayyoon Atileetii dubartii cimtuu waggaa 20 gadii 3 keessa tokko taate

Finfinnee, Sadaasa 3, 2017 (FBC) – Atileet Simboo Alamaayyoon Atileetii dubartii cimtuu waggaa 20 gadii badhaasa bara Faranjootaa 2024’f kaadhimaman sadi keessaa tokko ta’uu Federeeshiniin Atileetiksii Addunyaa beeksise.

Atileet Simboon Atileetii dubartii cimtuu yookaa abdannaa qaban kan waggaa 20 gadii 3 keessaa ishee tokko ta’uu federeeshinichi fuula miidiyaa hawaasummaa isaan ibseera.

Badhaasaa Atileetii cimtuu abdannaa qaban kan waggaa 20 gadii bara 2024’f kaadhimaman keessaa Atileet Simboo Alamaayyoon ishee tokko taateerti.

Atileet Simboon fiigicha gufachiisaa meetira kuma 3 Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa umrii waggaa 20 gadii Peeruu Magaalaa Liimaatti gaggeeffameen meedaaliyaa warqee argamsiisuun kan yaadatamuudha.

Gama biroon Atileetiin Sarbiyaa Anjeeliinaa Toopich Utaalchaan, Atileetiin Chaayinaa Yaan Ziizyuun darbannaa eeboon Atileetoota Simboo waliin filannoo xumuraaf darbaniidha.

Kaadhimamtoonni sadan kunneen ga’umsa olaanaa bara kana dorgommiiwwan garaagaraarratti agarsiisaniin badhaasa xumuraaf darbuu ragaan Federeeshinii Atileetiksii Addunyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment