Atileet Qananiisaan Olompikii Paarisiif qophii gahaa taasisuu ibse

Finfinnee, Adoolessa 29, 2016 (FBC)- Atileet Qananiisaa Baqqalaan dorgommii figicha Maaraatoonii Olompikii Paarisiif qophii gahaa taasisuu ibse.

Atileet Qananiisaan gama midiyaa hawaasummaa isaan akka beeksisetti, dorgommii olompikichaaf qophii taasisa ture xumureera.

Qophii taasisaa turerrattis kanneen tumsaa taasisaafii turan hunda galateeffateera.

Akka gareettis miiraa garee cimaan shaakala taasisuu ibseera.

Olompikii Paariis 2024 irratti dorgommii fiigicha Maaratoonii Dhiirotaan Qananiisaa Baqqalaa, Taammiraat Tolaa fi Dheeressaa Galataa Itiyoophiyaa bakka bu’uun Atileetota dorgomaniidha.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment