Finfinnee, Fulbaana 9, 2016 (FBC)-Atileet Qananiisaa Baqqalaan Dooktireetii Kabajaa Yuunivarsiitii Arsiirraa kennameef fudhateera.
Gootichi Atileet Qananiisaa Baqqalaa Dooktireetii Kabajaa Yuunivarsiitii Arsiirraa kennameefii ture wayita sanatti sababa hojiitiin dhihaatee fudhachuu baatus Pireezidaantiin Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa Gargaartuu Komishinaraa Daraartuu Tulluun bakka bu’ummaan fuuchuufiin kan yaadatamuudha.
Atileet Qananiisaanis bakka Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Arsii Dooktar Dhugumaa Addunyaan argamanitti Dooktireettii Kabajaa fi beekamtii kennameef qaamaan dhiyaatee fudhachuu ragaan Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.
Dooktarri Kabajaa Atileet Qananiisaa Baqqalaan damee Atileetiksiin Itiyoophiyaa bakka bu’uun dorgommiiwwan idil addunyaarratti hirmaachuun meedaaliyaawwan Warqee 26’n Itiyoophiyaa maqaa dhoofsisuu Atileetii danda’eedha.
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.