Atileet Lammeechaa Girmaan fiigicha gufachiisaa meetira kuma 3 rikardii cabsuun injifate

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2015 (FBC)-Atileet Lammeechaa Girmaan dorgommiin fiigicha gufachiisaa meetira kuma 3 Daaymandi Liigii Paaris rikardii addunyaa cabsuun injifate.

Atileet Lammeechaa fageenyicha daqiiqaa 7 Sekoondii 52 fi maayikiroo Sekoondii 11’n xumuruun rikardicha cabseera.

Rikardii Atileetii Keeniyaan qabamee ture daqiiqaa 7, sekoondii 53 fi maayikiroo sekoondii 63 qabamee ture fooyyesseera.

Gama biraatiin Kaleessa galgalaa fiigicha meetira kuma 5 Daaymandi Liigii Paaris Atileet Lattasanbat Giday sadarkaa 2ffaan xumurteetti.

Atileet Ijjigaayyoo Taayyee mmoo sadarkaa 3ffaan xumuruu ragaan World Atletics irraa argame ni mul’isa.

Comments (0)
Add Comment