Finfinnee, Bitootessa 12, 2017 (FMC) – Fiigicha mana keessaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 20ffaa Chaayinaa Naanjiingitti gaggeeffamaa jiruun Atileet Dirribee Waltajjii fi Gudaaf Tsaggaayiin meetira kuma 1 fi 500’n xumuraaf darbaniiru.
Fiigicha gulaallii ramaddii 1ffaa keessatti kan hirmaatte Atileet Gudaaf Tsaggaayiin fageenyicha daqiiqaa 4:11.87 xumuruun sadarkaa 1ffaan xumuraaf yoo dabartu, Atileet Dirribee Waltajjiin ramaddii 3ffaarraa fageenyicha daqiiqaa 4:12.25 xumuruun sadarkaa 1ffaa bahuun falmii xumuraaf darbuu ragaan Atileetiksii Addunyaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia