Atileet Almaaz Ayyaanaa Maaraatoonii Amistardaam 1ffaa baate

Finfinnee, Onkololeessa 6, 2015 (FBC)- Maaraatoonii Amistardaam irratti Atileet Almaaz Ayyaanaa 1ffaa baate.

Atileet Almaaz Ayyaanaa da’umsa, miidhamaa fi wal’aansa baqaqsanii yaaluu booda dorgommii fiigicha Maaraatoonii Amistardaam sa’aatii 2 fi daqiiqaa 17 fi secoondii 20’n 1ffaa ba’uun injifatteetti.

Atileet Ganzabee Dibaabaa dorgommicha 2ffaan yoo xumurtu, Atileet Tsahaay Gammachuu ammo 3ffaa ba’uun dorgommicha injifataniiru.

Haaluma walfakaatuun, dhiirotaan dorgommii gaggeeffameen ammoo Atileet Tsaggaayee Geetaachoo sa’aatii 2 fi daqiiqaa 4 fi sekoondii 49’n 1ffaan yoo injifatu, Atileet Baazzazee Asmaaree sa’aatii 2 fi daqiiqaa 4 fi sekoondii 57’n 3ffaan xumureera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment