Atileet Abebaa Aregaawwii waggoota 12 booda Nahaasa argatte

Finfinnee, Hagayya 7, 2016 (FBC)- Atileet Abebaa Aregaawwiin waggoota 12 booda qabxiin Olompikii Landaan irratti galmeessite fooyyeffamuun meedaaliyaa Nahaasa akka argattu ta’e.

Fiigicha meetira kuma 1 fi 500 dubartootaa Olompikii Landan bara Faranjootaa 2012 gaggeeffameerratti Atileet Abebaa Aragawwiin 5ffaan xumuruun ni yaadatama.

Ta’us, qabxiin Atileetota 3ffaa fi 4ffaa ba’uun xumuran lamaa sababootaa garagaraan haqamuurran waggoota 12 booda qabxichi fooyyeffameera.

Haaluma kanaan qabxiin Atileet Abebaa gara sadarkaa 3ffaatti fooyyeffamuun, sirna cufiinsaa Olompikii Paariis irratti Meedaaliyaa Nahaasaa ishee fudhachuu ragaan Ministeeraa Aadaa fi Ispoortiirraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment