Atakaaroon Ameerikaafi Chaayinaa Afrikaa Bahaatti gaaga’ama diinagdee uumuu danda’a jedhame

Finfinnee, Adoolessa 29, 2014(FBC)- Dhimma Taayiwaan ilaalchisee atakaaroon Ameerikaafi Chaayinaa gidduutti uumame Afrikaa Bahaa gaaga’ama diinagdeef saaxiluu akka danda’u ibsame.

Naannawichi wayita dhiibbaa vaayirasiin koroonaa geessiserraa dandamachaa jirutti, dhimma Taayiwaan irratti Ameerikaafi Chaayinaa gidduutti atakaaroon uumamuun qaala’iinsa gatii shaqaxaalee bu’uuraa kan uumu ta’uu eerameera.

Atakaaroon biyyoota lameen gidduutti uumame biyyoonni lixaa Afrikaa Bahaaf xiyyeeffannoo akka hin laanne kan taasisu ta’uu ‘The East African News’ gabaaseera.

Chaayinaan meeshaalee shaqaxaa Taayiwaan irra qoqqobbii nan kaa’a jechuun ishee ammoo qaala’iinsa gatii meeshaalee elektrooniksii uumuu akka danda’u gabaafameera.

Chaayinaan, Taayiwaan biyya birmadu osoo hin taane qaama kooti jechuun gara ofiisheetti deebisuuf tarkaanfii loltummaa fudhachuu eegalteetti.

Ameerikaan gamasheen Taayiwaan maaliif tuqamti jechuun Chaayinaarratti tarkaanfii loltummaa fudhachuu akka dandessuu Pirezidaantiin biyyattii Joo Baayidan akeekkachiisuun isaanii ni yaadatama.

Waraanaan biyyoonni lameenuu miidhamuu akka danda’aniifi atakaaroon isaanii to’annoon ala ba’uu akka danda’u ogeeyyiin ni ibsu.

Walitti gaarreffannaan biyyoota lameenii dhimma Afrikaa kan dagateefi carraan diinagdee ardichaa maal ta’a laata kan jedhuuf biyyoota kanneen irraa wanti jedhame hin jiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment