Finfinnee, Onkololeessa 30, 2016 (FBC)- Ataasheewwan loltummaa biyyoota garaagaraa teessoon isaanii Finfinnee ta’e Hidhaa Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa daawwataniiru.
Daawwannaa isaaniinis Hoji Gaggeessan Pirojektichaa Injiinar Kifilee Horroo waa’ee hidhichaa ibsa taasisuufii ragaan Raayya Ittisa Biyyaarra argame ni mul’isa.
Ijaarsi pirojektichaa adeemsa yaa’iinsa uumamaa isaarratti jijjiirama utuu hinfidin biyyoota yaa’a lagichaarratti rakkoo kamuu kan hinuumne ta’uu Ataasheewwan loltummaa kunneen ibsaniiru.
Ijaarsi Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa %97 kan xumurame, Itiyoophiyaarra darbee hanqina dhiyeessii humnaa olaanaa jiru furuun misooma Afrikaa akka saffisiisu, akkasumas, walitti hidhamiinsaa diinagdee naannawaa fi ardichaaf gahee olaanaa akka bahatu wayita daawwannichaatti eerameera.
Itiyoophiyaan kuufama qabeenya umamaa hintuqamne kan qabduu ta’uu kan eeran hirmaattoonni daawwannichaa, qormaata keessa taatee hidhicha galmaan ga’uu danda’uun guutummaatti nageenyi yoo mirkanaa’ee ammoo saffisaan guddachuu akka dandeessuuf argisistuu ta’uu dubbataniiru.
Daawwannicharratti Ataasheewwan loltummaa biyyoota 60 olii hirmaachuun ibsameera.
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.