Asxaa Tajaajilaa Nageenyaa Odeeffannoo gochaa seeraan alaaf oolchuuf kan yaalan to’ataman

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2015 (FBC)-‘Waaleetii’ Asxaa tajaajilaa nageenya odeeffannoo kan irratti maxxanfamee qopheessuu fi waraqaa eenyummaa fakkeessuun gochaa seeraan alaaf faayidaarraa oolchuuf yaalii taasisaa kan turan shakkamtoonni to’annoo jala oolfaman.

Tajaajilichi ibsa miidiyaaleef ergeen akka beeksisetti waaleetiiwwan Asxaa dhaabbatichaan maxxanfaman, waraqaa eenyummaa fakkeessuun faayidaarraa oolchuuf wayita yaalanitti harkaa fi harkatti qabamaniiru.

Maqaa fi asxaa dhaabbatichaa fayyadamun tajaajilaa seeraan alaa argachuuf yaalii taasisuu bira ga’uu mirkaneesseera.

Hawaasni eeggannoo barbaachisaa akka taasisuu kan gaafate tajaajilichi, waaleetiiwwan asxaan dhaabbatichaan ofirraa qaban muraasni harka namoota dhuunfaa akka galan akeekeera.

Waaleetii asxaan tajaajilchaa irratti maxxanfame qabachuunis ta’e gochaa seeraan alaaf oolchuun seeraan kan gaafachiisu ta’uu hubachiiseera.

Namni waaleetiin Asxaan dhabbatichaa irratti maxxanfame harkaa jiru buufata poolisii nannawaa isaatti argamuutti akka dhiyeessu yookaan lakkoofsa bilbilaa 0115543681 fi 0115543804 akka beeksisu cimsee hubachiiseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment