Astoon Viillaan Isteevan Jeraard gaggeesse

Finfinnee, Onkololeessa 11, 2015 (FBC) – Kilabni Kubbaa Miilaa Ingiliz Astoon Viillaan Leenjisaa isaa Isteevan Jeraard gaggeessuu beeksiise.

Astoon Viilaan kaleessa tapha Fulhaam waliin taasiiseen goolii 3 fi 0n injifatamuu hordofee leenjisicha gaggeessuu ibsameera.

Isteevan Jeraard bara Faranjootaa Baatii Onkololeessaa 2021 gara Viillaa Paarkitti imaluun Astoon Viillaa leenjisaa eegale.

Bara taphaa darbes kilabicha sadarkaa 11ffaan xumursiiseera.

Dorgommii bara kana taasiseen garuu taphoota 12 taphate keessaa tapha 2 qofa injifachuun sadarkaa 14ffaa irratti argama.

Sababa kanaan Isteevan Jeraard kilabicharraa gaggeeffamaniiru.

Leenjisaan duraan Tootanihaam Maawuriisiiyoon Poocheeetiinoo fi Leenjisaan Cheelsii duraanii Toomaas Tuusheel keessaa bakka Jeraard bu’uu danda’u jedhamuu ‘SKY Sport’ gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment