Asoosaatti Birriin ergama badii raawwachuuf ture miiliyoonni 14 fi gajaraawwan to’ataman

Finfinnee, Onkololeessa 28, 2013 (FBC) – Naannoo Beeniishaalguul Guumz magaala Asoosaatti Birriin ergama ABUT raawwachiisuuf ture miiliyoonni 14 ol dabtaroota herreega Baankii 59 fi gajaraawwan waliin too’atamuu poolisiin beeksise.
 
Naannichaatti namoonni ergama ABUT fudhachuun badii raawwachuuf socho’aa turan 70 too’atamuu ibsameera.
 
Gochaan gareen ABUT biyyattii dirree waraanaa taasisuuf socho’aa ture fashalaa’uu Komishinarri Komishinii Poolisii naannichaa Abduulaaziim Mahaammada ibsaniiru.
 
Guyyoota sadan darban raayyaan ittisa biyyaa, poolisiin federaalaa, humni addaa naannichaa, miilishaa fi tola ooltoonni hawaasa waliin qindaa’uun magaalaa Asoosaatti xiyyeeffannoon hojjechaa turuu eeraniiru.
 
Eeruu ummataan birriin badii raawwachuuf qophaa’e miiliyoonni 12 fi kumni dhibbi 8 dabtaroota Herreega Baankii 59 irratti galmaa’anii jiran too’atamuu himaniiru.
 
Maallaqni kunneen maqaa namoota 12 Baankootti garaagaraa 14 keessatti birrii galmaa’an ta’uu eeraniiru.
 
Maallaqni badiif qophaa’e mana nama dhuunfaa 1 keessattis Birrii miiliyoonni 1 fi kumni dhibbi 3 argamuu eeraniiru.
 
Gama biroon gajaraawwanii fi halbeewwan 60 ol ta’an Hooteela nama dhuunfaa tokko keessaatti too’atamuu himaniiru.
 
Maddi:-TOI
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
 
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
Comments (0)
Add Comment