“Ashaboo qofaan alaa bitadha”

Finfinnee, Adoolessa 12, 2014 (FBC) – Aadde Birqee Kabtiyimar har’a manguddoo umrii 82ti. Magaalaan Harar iddoo maatii horatanii umriin raaganii, amma akkoo itti ta’aniidha.

Umrii isaanii kana keessatti jireenyi isaanii qonna magaalaa manduuba isaaniitti eegalaniin ganna 50 oliif maatii isaanii qananiin jiraachiseera.

Miseensa maatii 9 ittiin gaggeessaa fi bulchaa turan.

Galaana kuduraa fi muduraa, kanneen akka burtukaana, mandariina, avookaadoo, raafuu, qaaraa fi kanneen biroon dhabamanii hinbeekan.

Oomisha kuduraa fi muduura akaakuu 26 ol manduuba isaaniirra kan soratanitti dabalataan galiis irraa argachaa jiru.

Qe’een Aayyoo kanaa waan hundaan guutuu waan ta’eef “ashaboo qofaan alaa bitadha” jedhu.

Aadde Birqeen, har’a umriin bubbulanii, dullumnis sochii isaan dhorkullee, hojiin isaanii kun dhala isaaniitti darbeera.

Qe’ee kanatti kuduraa fi muduraan argamu ammallee isaanii fi maatii isaanii sooraa jira.

“Lafa bal’aa qabanneef osoo hin taane, yaada qabaannaan hojii ittifufiinsa qabu hojjachuun ni danda’ama” jedhu manguddoo kun FBC’f yaada kennaniin.

“Humna, lafa bal’aa fi mijaata osoo qabnu hojjachuu dhabuu keenyaan hiyyummaan gatantaraa jiraachuurra, kan qabnu sirnaan fayyadamuun kan biroof ga’uu waan dandeenyuuf qonna magaalarrattis xiyyeeffannee haa hojjanuun” gorsa Aadde Birqee Kabtiyimari.

Abbaan warraa Aadde Birqee loltuu kan turan waraanaarratti miidhama qaama isaanirra ga’een haadha warraa isaanii cinaa dhaabbachuu hindandeenye.

Aadde Birqeen garuu, kophaan ta’e utuu hinjenne, qonna manduuba isaanitti gaggeessaniin hanga yoona maati isaanii jiraachisuu danda’aniiru.

Addis Taammiraatitu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment