Ashaboo fi adeemsi oomisha isaa fayyaa lammiileerrati miidhaa qaqqabsiisu ilaalchisee qorannoo gaggeeffameerratti mariin taasiifame

Finfinnee, Bitootessa 19, 2014 (FBC) – Oomishni Ashaboo fi adeemsi gurgurtaa isaa fayyaa lammiileerrati miidhaa qaqqabsiisu ilaalchisee qorannoo gaggeeffameerratti Ministeerri Albuudaa, Daldaa fi Mootummaan naannoo Afaar marii taasisaniiru.
Oomishaa fi gurgurtaa Ashaboorratti, akkasumas adeemsi oomisha isaa miidhaa fayyaa lammiileerratti qaqqabsiisu ilaalchisee ogeeyyiin Ministeera Daldalaa, Fayyaa fi Albuudaa tumsaan qorannoo gaggeessuu Ministirri Ministeera Albuudaa Injiinar Taakkalaa Uumaan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
Qorannoo gaggeeffameen galteewwanii fi argannoowwan adda ba’uu kaasaniiru.
Qorannicha ilaalchisee Ministirri Ministeera Albuudaa Injiinar Taakkalaa Uumaa fi Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa naannawaa obbo Gabramasqalaa Caalaan Preezdaantii Naannoo Afaar obbo Awwal Aarbaa fi hoggantoota naannichaa waliin har’a naannoo Afaar magaalaa Samaraatti mari’ataniiru.
Marii isaaniin guutuu qorannichaarrti waliigalteen uumamuu Injiinar Taakkalaan ibsaniiru.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment