Ashaaraan magariisaa aadaa magariisa uumuun milkaa’eera- MM Abiy Ahimad

Ashaaraan magariisaa aadaa magariisa uumuun milkaa’eera- MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Hagayya 9,2014 (FBC)- Ashaaraan magariisaa aadaa magariisa uumuun milkaa’eera jedhan Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad.

Duulli ashaaraa magariisaa waggoottan arfan darbaniif biyyattiitti gaggeeffamaa ture aadaa magariisaa uumuun milkaa’uu Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad ibsaniiru.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad duula ashaaraa magariisaa waggoottan arfan darban gaggeeffamaa ture milkiin xumuramuu ilaalchisee ibsa baasaniin, “Ammas hojiin nurraa eegamu baay’een jiraatus, sosochichi biyyattiitti bu’aa buusuun isaan kan nama shakkisiisu miti” jedhaniiru.

Balaawwan lolaa, gubachuu bosonaa, danbaliin hamaan, fi ho’inni qilleensaa hin baramne torbanoota muraasa dura addunyaarratti mul’atan agarsiistuu jijjiirama qabeenya qilleensaa ta’uu eeraniiru.

Hongee gaanfi Afrikaa keessummeesses bu’aa jijjiirama qabeenya qilleensaa ta’uu kaasaniiru.

Ityoophiyaattis jijjiiramni qabeenya qilleensaa madden lageenii gogsuufi bakkeewwan tokko tokkotti miidhaa qaqqabsiisuu ibsaniiru.

Rakkoo yeroo ammaa addunyaan ittiin dhiphachaa jirtu kana furuuf walga’iiwwan irra darbee furmaata qabatamaa barbaaduun barbaachisaadha jedhaniiru.

Murtoo furmaata qabatamaa fudhachuun Ityoophiyaan akka fakkeenyaatti kan eeramtu ta’uu addeessaniiru.

Ityoophiyaan bara 2011tti Sulula misoomsuuf, uwwisa bosonaa guddisuuf, Ikkootuuriizimii babal’isuufi uwwisa magariisaa magaalotaa guddisuuf duula ashaaraa magariisaa eegaluu yaadachiisaniiru.

Duula waggoottan arfaniif tureen biqiltuu biiliyoona 20 dhaabuuf karoorfattee kaatus; lammiileen ishee biqiltuu biiliyoona 25 ol dhaabuu ibsaniiru.

Lammiileen biyyattii miiliyoona 25 ta’an biqiltuu baay’isuun, boolla biqiltuu qotuuniifi biqiltuu dhaabbate kunuunsuun duulicharratti hirmaachuu eeraniiru.

Duulli ashaaraa magariisaa wayita eegalu, bakki biqiltuun itti baay’ifamu kuma 40 ta’uufi yeroo ammaa kuma dhibba 1 fi kuma 21 irra gahuufi waggaatti biqiltuu biiliyoona 7.6 baay’isuu kan danda’an ta’uu ibsaniiru.

Milkaa’ina kana keessatti fedhiin siyaasaafi kutannoon ga’ee olaanaa ba’achuu kaasaniiru.

Magaalotni biyyattii barbaachisummaa iddoowwan magariisaa hubachuun bakka qopheessaafii jiraachuun aadaan magariisaa uumamuu isaaf agarsiiftuu ta’uu addeessaniiru.

Aadaan magariisaa kun dhaloota itti aanuuf kan turu ta’uu ibsaniiru.

Duulichi aadaa magariisaa uumuurra darbee lammiilee kuma dhibba 7 fi kuma 67 oliif carraa hojii uumuun dinagdee keessatti ga’ee ba’achuu kaasaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment