Ashaaraa magariisaa bara kanaaf biqiltuuwwan biiliyoona 4.9 qopheessuuf hojjetamaa jira – BQO

Finfinnee, Guraandhala 1, 2015 (FBC) –Sagantaa Ashaaraa magariisaa bara kanaaf biqiltuuwwan gosa adda adda biiliyoona 4.9 qopheessuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksisee.

Akka Oromiyaatti biqiltuu gosa adda addaa biiliyoona 4.9 qopheessuuf hojjetamaa jiraachuu hogganaa itti aanaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Eeliyaas Kadir ibsaniiru.

Obbo Eeliyaas kadir Godina Shawaa Bahaatti buufata biqiltuu Laga Moojoo daawwatan.

Qophii biqilaa bara kanaan hanga ammaatti biqiltuun biiliyoonni 2.9 qophaa’uu Obbo Eeliyaas eeraniiru.

Bara kana biqiltuu faayidaa hunda galeessa qaban muduraafi leemmana Baddaafi Gammoojjii baayi’naan qopheessuuf karoorfamee sanyiin barbaachisu yeroon dhiheessuun qophiin biqiltuu buufata biqilaarratti hojjetamaa jiru sadarkaa gaariin kunuunfamaa jiraachuus Obbo Eeliyaas ibsaniiru.

Godinaaleen karoora biqilaa qopheessuuf qabatan 100% oliin raawwachuuf cimanii hojjechuu akka qabaniifi ogeeyyiin deeggersa ogummaa barbaachisu taasisuu akka qaban Obbo Eeliyaas dhaamuu ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaarra argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment