Asallaatti Pirojektoonni Birrii biiliyoona 1.2’n ijaaraman eebbifaman

Finfinnee, Adoolessa 2, 2016 (FBC)- Magaalaa Asallaatti pirojektoonni misoomaa garaagaraa 42 ol Birrii biiliyoona 1.6’n ijaaraman eebbifaman.

Sirna eebbichaarratti Sadarkaa Itti Aanaa Pireezidaantiitti Qindeessaan Kilaastara Hawaasummaa Oromiyaa Obbo Abdulhaakiim Muluu fi Hogganaan Biiroo Misooma Magaalaa fi Manneenii Oromiyaa Obbo Mahaammad Guyyee akkasumas Keessummoonni argamaniiru.

Pirojektoonni kunneen bishaan dhugaatii, gamoo bulchiinsa magaalaa abbaa darbii afurii, misooma qarqara laggeenii, iddoowwan bashannanaa fi sagantaa adda addaaf oolu kan hammate ta’uun eerameera.

Dabalatanis, bu’uuraaleen misoomaa ibsaa daandiirraa, manneen barnoota bu’uura boruu, kutaaleewal’aansaa buufata fayyaa, daandii imaltoota miilaa fi bo’oowwan lolaa bishaanii hojjataman ta’uun ibsameera.

Mahaammad Guddataa fi Oliyaad Badhaaneetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment