Artisti Zarihuun Wadaajoo hojii muuziqaa qawwee caalaa dhuka’uun qabsaa’aa ture-Obbo Qajeelaa Mardaasaa

Finfinnee, Eebla 18, 2015 (FBC)- Artisti Zarihuun Wadaajoo hojii muuziqaa qawwee caalaa dhuka’uun qabsaa’aa ture jedhan Ministirri Ministeera Aadaa fi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaan.

Obbo Qajeelaa Mardaasaan sirnaa awwaalacha Artisti Zaruihuun Wadaajoo Bataskaanaa Sillaasee Kaateediraalitti gaggeeffamerratti akka jedhanitti, Oromiyaan, darbees Ityoophiyaan odaa guddaa tokko dhabdeetti.

Artisti Zarihuun Wadaajoon namootaa aartii Oromoo keessatti gahee olaanaa bahatan ta’uu eeranii Ijoollummaa isaarraa eegalee walqixxummaa ummataaf qabsaa’ee qabseessaa turuu himaniiru.

Dhiibbaa sanyummaa, dhiibbaa siyaasaa fi cunqusaa fuulleettii irratti qabsaa’aa turii himan.

Hojii muuziqaa isaa qawwee caalaa dhuka’uun qabsa’aa akka ture, diraamaa fi muuziqaan inni hojjetuus cunqursaa ummataa kan morman akka ture yaadachiisaniiru.

Artistoonni hunduu, hojiilee dhalootatti darbuu fi boollaa olii akka hojjetan dhaamaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment