Artisti Zarihuun Wadaajoo Calaqqee Oromooti-Tsaggaayee Dandanaa

Finfinnee, Eebla 18, 2015 (FBC)- Artisti Zarihuun Wadaajoo Calaqqee Oromooti jedhan Pireezidaantiin waldaa Muuziqeessitootaa Oromiyaa Tsaggaayee Dandaana.

Artisti tsaggaayeen akka jedhanitti, Artisit Zarihuun Wadaajoo gootaa aartii, qabsooti Oromooti.

Artistichi of arguun nama Oromoo asiin gahee yoo jenne itti hinxiqqaatuu jedhan.

Artisti Zarihuun Wadaajoon ofii Calaqqisee Oromoo bilisoomses jedhaniiru.

Qaamole sirnaa awwaalchaa fi gaggeessaa reeffaa Artisti Zarihuun wadaajoo keessatti qooda isaanii bahatan hunda galateeffataniiru.

Akkasuma Pireezidaantiin Waldaa Muuziqeessitoota Ityoophiyaa Daawwit Yifruun, Zarihuun hunda keenyaaf sagalee ture jedhan.

Zarihuun Wadaajoo kan kaleessaa, har’aa fi borii walaloo fi wallee isaan nutti himaa tureera, nu barsiisaa ture jedhaniiru.

Keessumaa hojiin Artisti Zarihuun namootaa damee aartii keessaa jiraniif barnootaa kan ta’uudha jedhaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment