Artisti Yaareed Zalaalam (Lij Yaared) mana amala sirreessaa akka bu’u ajaji kenname

Finfinnee, Onkololeessa 7, 2016 (FBC)- Artisti Yaareed Zalaalam yookaan maqaa masoo Lij Yaared jedhamuun kan beekamu himannaa dachaa irratti dhiyaateen mana amala sirreessaa akka bu’u Mannii Murtii Olaanaa Federaalaattii Dhaddachi Yakkaa Dhimmoota Heeraa Mootummaa fi Farra Shororkeessummaa 1ffaan ajaja kenne.

Abbaan Alangaa Daayerktoreetii Dhimoota Yakka Qindaa’aa Fi Daangaa Ce’aa Ministeera Haqa Aartisti Yaareed Zalaalam irratti himannaa dachaa dhiyeesseera.

Seeraa yakka kompiwutaraan raawwatamuu darbuun, kabajaa fi maqaa gaarii mana amantaa fi namootaa dhuunfaa balleessuun, haasawaa jibbiinsaa tamsaasuun himannaawwaan irratti dhiyatan keessaati.

Himatamaanis mirgi wabii akka eegamuuf mana murtii gaafatus, manni murtichaa gaafficha kufaa taasisuun himatamaan dhimmicha mana amala sirreesaa taa’ee akka hordofu ajajeera.

Akkasumas himannaan dhiyaatan miidiyaan akka hintamsaafamnee fi dhaddacha cufaan akka ta’uu murtee kenneera.

Taarik Addunyaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment