Artisti Ijjigaayyoo Shibaabbaaf (Jiijii) Dooktireetiin Kabajaa kennamuufi

Finfinnee, Adoolessa 8, 2015 (FBC)- Yuunivarsuiitiin Injibaaraa Artiistii Ijjigaayyoo Shibaabbaaf Dooktireetii Kabajaa kennuuf murteessuu Pireezidaantiin Yuuivarsiitichaa Dooktar Gaardaachoo Warquu ibsan.

Yuunivarsiitichi dameewwan garaagaraan barattoota leenjisaa ture Adoolessa 13, 2015 akka eebbisiisuu ibsuun, guyyichattis Artisti Ijjigaayyoo Shibaabbaaf (Jiijiif) Dooktireetii Kabajaa kennuuf qophii xumuruu dubbataniiru.

Weellistuu, walaleessituu, barreessituu sirbootaa fi taatoon ogummaa hundagaleessaa Jiijiin, muuziqaa fi aadaa biyya ishee addunyaatti beeksisuun akkasumas ogummaa artiin afaanii fi aadaa ummataa Awwii dagaagsuuf gumaachaa taasifteef dooktireetiin kabajaa kun akka kennamuuf himaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment