Artisti Ijjigaayyoo Shibaabbaaf (Jiijii) Dooktireetiin Kabajaa kenname

Finfinnee, Adoolessa 13, 2015 (FBC)-Yuunivarsiitiin Injibaaraa Artiistii Ijjigaayyoo Shibaabbaaf Dooktireetii Kabajaa kenneera.

Yuunivarsiistichi guyya har’aa barattootaa damee barnoota garaagaraan barsiisaa ture 754 guyyaa har’aa eebbisiiseera.

Sirna eebbichaarratti Aartisti Ijjigaayyoo Shibaabbaaf Dooktireetiin Kabajaa kennameera.

Artisti Ijjigaayyoon weellistuu, walaleessituu, barreessituu sirbootaa fi taatoo ogummaa hundagaleessaa yoo taatu, muuziqaa fi aadaa biyya ishee addunyaatti beeksisuun akkasumas ogummaa artiin afaanii fi aadaa ummataa Awwii dagaagsuuf gumaachaa taasifteef dooktireetiin kabajaa kan kennameef ta’uun ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment