Finfinnee, Sadaasa 9, 2014 (FBC)- Artist Elemoo Alii Haramaayaatti hojii artistoota gameeyyii yaadachuuf kan oolu Gidduugala Gola Gameeyyii Artistoota Oromoo hundeessuudhaan eebbisiisuu Komishiniin Turiizimii Oromiyaa beeksise.
Elemoon waggoota 45 darban keessa Aadaa fi hariiroo Oromoon Sabaa fi Sablammoota baha Ityoophiyaa waliin qabu calaqqisiisuudhaaf Afaan Oromoo cinaattis, Afaan Somaalee, Afaan Hararii fi Afaan Arabaatiin weelliseera.
Gola Arstistoota Oromoo kana hundeessee ijaaruudhaafis, Birri miiliyoona lama kan itti baase tahuufi giddu galli kun Giddu gala qorannoo Aadaa fi Aartii hundeessuuf bu’uura kan tahuudha jedhameera.
Giddugalli kun hojii artistoonni gameeyyiin bara cunqursaa darbe keessa tahuun, guddina Aartii Afaan Oromoof gumaachan kan itti agarsiisan tahuu Weellisaa Elemoon himeera.
Gidduugala kana keessatti faayaaleen Aadaa Oromoo, suuraa artistoota Oromoofaa walitti qabamuunis himameera.
Sirna Eebbaa Gidduugala kanarrarraatti, Hoggantoonni Mootummaa ,Artistoota Oromoo, Abbootii qabeenyaa, hawaasa naannichaa fi keessumonni waamichi taasifameef hedduun argamuu OBN gabaasera
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna