Artist Alii Birraa:Mootii Muuziqaa Jaarraa Walakkaa Olii

Finfinnee, Onkololeessa 27, 2015 (FBC)- Indaastiriin muuziqaa Oromoos ta’e biyyaattii sadarkaa har’a ga’e keessatti maqaan isaa mararfannaan kan ka’u, damechaa keessatti angafummaan kan ka’uudha Artisti Alii Birraan.

Afaanota garaagaraan kan weellisu Artisti Alii Birraa, keessumaa Afaan Oromootiin muuziqaawwan hedduu kanneen dhalootaa dhalootatti ce’an, bara muuziqaan ammaayyaa’a dhufee keessattillee qillisii fi kilolummaan muuziqaa isaa gurraa hundaa keessa kan dhikkifatuudha.

Kanaanis, mallattoo afaani fi aadaa ta’uun kan faarfamuudha.
Caamsaa bara 1940 Dirree Dawaatti kan dhalate Artisti Alii Birraa, ijoollummaa isaatti afaanotaa biyya keessaa fi alaa garaagaraan muuziqaawwan hojjetaman dhaggeffachuu kan jaallatuu fi dhaggeeffachaa kan guddatee, hiriyoota isaa, mana barnootaatti, maatii isaafillee weellisuun addunyaa muuziqa isaaf ka’umsa sagalee qarannaa taasifateera.

Barnoota sadarkaa jalqabaa Magaalaa Dirree Dawaatti, barnoota sadarkaa 2ffaa ammo Finfinneetti hordofeera.

Ameerikaa koolleejjii Saantaa Moonikaatti barnoota muuziqaa barateera.

Artisti Alii Birraan bara 1954 muuziqaa Oromoo beeksisuuf kan kaayyeffate garee muuziqaa aadaa Baandii Afran Qallootti makamuudhaan ture hojiilee muuziqaa isaaf imala kan eegale.

Akkuma “Imaltuun Hinteessu…” jedhee weellisee, imalli fagoon Alii Birraan yaade Baandii Afran Qalloorraa ka’uun sadarkaa biyyaatti, achis sadarkaa addunyatti Aartiin muuziqaa Oromoo akka beekamuuf qaanqee ta’eera.

Baandi Afran Qalloo keessatti Wallisaan Alii Jedhamuu biraan akka turee fi lamaan isaanii adda baasanii beekuuf jecha sirba isaa “Birraan Daraare” jedhu keessaa fudhatamuun “Alii Birraa” jedhamee moggaafameef.

Maqaan isaas ta’ee hojiileen muuziqaa isaa Oromiyaa, Ityoophiyaa achiis addunyaarratti akka ililiiwwan Birraa dhohanii mul’atan.

Alii Birraan, waa’ee Baandii Afran Qalloo wayita himu, “Ani kanneen hundeessan keessaa tokkon ture malee hundeessaa miti; baandichaaf umriin anii quxisuudha” jedha.

Hundeessitoota baandichaa keessaa Weellisaa Alii Shabboo fa’aa waliin ta’uun Afran Qalloo hundeessines jedha.

Alii Birraan Orkeestiraa ‘Kibur Zabanyaa’ jedhamutti miindeffamuun waggoota sadiif hojjeteera.

Akkasumas Baandii Ayibeeksitti waggoota saddeetiif hojiilee
muuziqaa isaa dhiyyeessaa tureera.

Muuziqaan Artisti Alii Birraan weellifaman irra jireessi isaanii waa’ee jaalalaa, biyyaa fi siyaasa kan ta’e, sirboota 260 ol taphateera.

Aliin, meeshaalee muuziqaa kanneen akka Gitaaraa, Piyaanoo fi kanneen biroo dandeetti taphachuu kan qabuudha.

Sadarkaa addunyatti ardilee jiraanitti waltajjiiwwan biyyoota 40 oliirratti hojiilee muuziqaa isaa dhiyeesseera.

Alii Birraan dhaabbata tola ooltummaa “Birra Children’s Education Fund” jedhamu haadha warraa isaa waliin hundeessuun deeggarsa
barnootaa daa’immanii kennaa kan tureedha.

Artisti Alii Birraa waa’ee isaa wayitaa ibsus “Anii qabsaa’aa haqaatin ofiin jedha” jedha.

Kan umriin 75 Artisti Alii Birraan tokkummaa ummatootaa cimsuu keessatti gumaacha olaanaa kan bahate yoo ta’u, muuziqaawwan isaa kan baraa baratti ce’an, dhaloota gaarii kan uumaaniidha.

Artistichi, qormaatilee hedduu darbuun kutannoo jabaa fi ga’umsaan waggoota dheera aartii keessa darbuun isaa ammo dhaloota ammaaf fakkeenya taasisani.

Artisti Alii Birraa walleewwan isaa gurratti mi’aawoo ta’an taphachuutti dabalataan barreessaa walaloowwan sirbaa fi sagaleeti.

Waggoota 50’n darbaniifis muuziqaa Oromoo keessatti hayyuu gameessa ta’ee tureera.

Guddina Afaan Oromoofis gumaacha olaanaa kan arjoomeedha.
Damee artiin gumaacha taasiseen gulantaan Dooktara Kabajaa kan kennameef Artisti Alii Birraa, dhaabbilee biyya keessa fi alaarraas badhaasaa fi beekkamtii hedduu nama argateedha.

Waliigalaan badhaasota sadarkaa biyyaalessaa biyyaa keessaa fi alaatti argateera.

Yuunivarsiitii Dirree Dawaa fi Jimmaarraa gulantaa dooktara kabajaa argateera.

Dirree Dawaatti maqaa isaatiin paarkiin moggaafameera.
Naannoo Oromiyaatti gumaacha damechaaf taasiseen badhaasa addaa nishaanii argateera.

Badhaasa Nagaa Irreechaa jalqabaa badhaafameera.

Badhaasa Aartii Artisti Hacaaluu Hundessaa jalqabaan badhaafamaa umrii guutuu fi kanneen biroo argateera.

Koomishinii Tuuriizimii Oromiyaarraa badhaasaa niishaanii olaanaa argateera.

Kanaadaa Toroontoottis Badhaasa Muuziqeessaa angaafaa yoomiyyuu fi Badhaasaa Odaan Badhaafamaa umrii guutuu ta’eera.

Artisti Alii Birraa har’a du’aan addunyaa kanarraa boqotullee hojiileen isaa dhalootaa kan barsiisan, guddina aadaa, seenaa fi Afaan Oromoof calaqqee, qorannoowwan damechaaf ammoo bu’uura ka’umsaa kan ta’aniidha.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment