Artiist Hacaaluu, Artiist Jaamboo fi Atleet Fayyisaan Adaamaatti ummanni vaayrasicharraa akka of eegu dhaaman

Finfinnee, Eebila 5, 2012(FBC) – Artiist Hacaaluu Hundeessaa, Artiist Jaamboo Jootee fi Atleet Fayyisaa Leellisaa magaalaa Adaamaatti ummanni vaayrasii koroonaarraa akka of eegu hojii hubannoo uumuu hojjetan.

Ummanni gorsaa fi qajeelfama ogeeyyii fayyaa fi mootummaa akka hojiirra oolchu waamichi dhiyaatera.

Dabalataan walirraa hiiqinsa qaamaa akka eegu, harkasaa saamunaadhan akka dhiqatu, yeroodhaf yaadan malee qaaman walbiratti heddummaachuun akka hin barbaachisnes dhaamaniiru.

Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Adaamaa obbo Assaggid Geetaachon hojii hubannaa uumuu kanaaf galateeffataniiru.

Qaamni hundi ogummaa fi dandeettii qabuun hawaasa isaa cinaa hiriiruun ga’eesaa ba’achuu akka qabu dhaamaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment